Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi gaaffii ummataa deebisuun bu’aa argameen madaalama –Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC) – Hoggansi gaaffii ummataa deebisuun bu’aa argameen kan madaalamu ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin ibsan.

Manni Maree Bulchiinsaa naannoo Hararii marii gaggeessaa jira.
Waltajjichi hoggantoota naannichaa haaraa muudamanii fi buleeyyiif qajeelfama hojii fi kallattii gara fuula duraa kaa’uuf kan kaayyeffate ta’uu himeera.
Hoggansi murannoon ummata tajaajiluu, ergamni dhaabbilee akka milkaa’uuf hojii gaarii hojjechuu qabu jedhan Obbo Ordii Badiriin.

Hanqinaalee muul’atan guutuun ciminoota jiran jabeessuun barbaachisuu ta’uu dubbataniiru.

Hojimaata baramaa keessaa ba’uun hojimaata haaraa diriirsuun fedhii ummataaf deebii saffisaa kennuun murteessa ta’uu eeraniiru.

Hoggantoonni wayita itti gaafatamaarraa jiran hojiilee yeroo aangorraa bu’an itti gaabbaan hojjechuu hin qaban jedhan.

Hawaasa haqummaan tajaajiluun hoggansa hundarraa kan eegamu ta’uu hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

Hojiilee itti quufinsa ummataa mirkaneessa hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.