Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi fayyadamummaa ummataaf xiyyeeffannaa kennee hojjechuu qaba- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa15, 2014 (FBC)- Hoggansi fayyadamummaa ummataaf xiyyeeffannaa kennee hojjechuu akka qabu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Gamaaggamni raawwii hojii bara 2014fi boqonnaa qophii karoora hojii Paartii Badhaadhinaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara dhufuu Adaamaatti geggeeffamuu eegale.

Waltajjicha Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa saaqaniiru.

Kaayyoon waltajjichaa raawwii hojii bara 2014 keessatti ciminoota, hanqinootaafi bu’aalee argaman gamaaggamuufi kallattii karoora hojii bara 2015 irratti gadi fageenyaan mari’achuun hojiitti galchuu ta’uu Ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Obbo Shimallis Abdiisaan, karoora hojii Mootummaa haala karoorfameen hoggansi akkamiin akka hogganaa ture, injifannoowwan gama misoomaafi nageenyaan galma’aniifi hanqinoota jiran adda baasuun karoora bara 2015 keessatti hiikuuf of qopheessuu akka qabu dubbataniiru.

Hoggansi fayyadamummaa ummataaf xiyyeeffannaa kennee hojjetu dhimmoota gurguddoo warreen ta’an; Dinagdee hogganu, Sirna ummataa ijaaruufi qajeelummaan tajaajiluu akkasumas Adeemsaafi haala yeroo sirriitti hubachuun of-qopheessaa deemuu akka qabu obbo Shimallis kaasaniiru.

Raawwii karoora bara darbee keessatti ciminoonni galmaa’an kan jajjabeffaman, hanqinoota turan ammoo adda baasuun qoratamee tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’uu Obbo Fiqaaduu Tasammaan eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.