Fana: At a Speed of Life!

Hoggansaa fi dhaabbilee yericha gitu horachuuf xiyyeeffatameera-Aadde Mufaariyaat

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)-Hoggansa furmaata kennuu fi dhaabbilee yericha gitan horachuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil dubbatan.

Aadde Mufaarit, Paartiin Badhaadhinaa dhalootaaf idaa utuu hintaane waan gaarii dhaalchisuuf carraaqqii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Walga’iin Paartii Badhaadhinaa dhimmoota biyyaalessaa ijoo fi ajandaalee paartichaarratti mari’achuun murtoo garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Aadde Mufaariyaat akka jedhanitti, bara dijitaalaa ammaa keessa jirruun kallattiiwwan garagaraan yaadota dhiyaatan haqummaan ilaaluu akka barbaachisu dubbataniiru.

Kanaaf, dhaabbilee fi hoggansa dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan adda baasuun furmaata kennuu danda’an ijaaruu kan gaafatu ta’uu fi xiyyeeffanaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Haalli siyaasaa Itiyoophiyaa bara dijitaalaa waliin yoo ilaalamu rakkoolee caasaa fi sirnaa hedduu kan qabu ta’uu eeranii, aadaan siyaasaa kun olaantummaa yaadaa fi diimookiraasiif mijataa akka hintanee fi rakkooleen jiranis akka babal’atan taasisuu keessatti gumaacha akka qabu ibsan.

Paartichis idaawwan kanneen dhaloota egeree akka hindhaalchifnee fi dura dhaabbachuu fi wareegama kaffaluun dhalootaa dhufutti waangaarii dabarsuuf ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee bubbulaniif hojiileen furmaatarratti xiyyeeffatan, fedhiiwwan haaraa fi dhalootaa dhufu bu’uureffatan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Paartiin badhaadhinaa rakkoolee walxaxaa biyyattii mudatan furuuf kalaqnii fi saffisni murteessaa ta’uu hubachuun hojjetamaa jirachuu kaasanii, kanaanis bu’aalee hedduun galmaa’uu eeran.

Waloon hojjechuun, bu’aa caalu galmeessuun akka barbaachisu himuun, fedhii dhuunfaa caalaa hubannaan tarkaanfachuun, badhaadhina waloof walta’iinsan hojjechuun akka barbaachisu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.