Fana: At a Speed of Life!

Hoggansa olaanaa Alshabaab Ma’aaliim Ayimaan Ajjeefamuun gabaafame

Finfinnee, Muddee 13, 2016 (FBC)- Hoggansa Olaanaa Garee Alshabaab Ma’aaliim Ayimaan deegarsa Ameerikaan duulaa waraanni Somaaliya gaggeesseen ajjeefamuun gabaafame.

Ma’aaliim Ayimaan Somaaliyaa fi biyyoota ollaa naannawichaa garagaratti haleellaa shororkeessummaa gaggeeffamuu dursa jedhamuun barbaadamaa turuun kan yaadatamuudha.

Hoggaansi kun waggoota sadiin dura naannawaa daangaa Kaabaa Keeniyaatti haleellaa shororkeessummaa suukanneessaa raawwateen lammiilee Keeniyaa fi Ameerikaa hedduun lubbuu darbuun eerameera.

Haaluma kanaan namni hoggansa Alshaabaab kana bakka inni jiru eeruu kenne Doolaara miiliyoona 10 kaffaluuf labsitee turte.

Duulaa waloo gaggeeffameen Ma’aaliim Ayimaan ajjeefamuu Ministeerri Beeksisaa Somaaliyaa Daawud Aweeyis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin mirkaneessaniiru jechuun miidiyaaleen Idil Addunyaa gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.