Fana: At a Speed of Life!

Hogganaan Garee Waaginar balaa xiyyaaraan du’uun mirkanaa’e

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Hogganaan Garee Waaginar Yevgenii Piriigozhiin jaallan isaa waliin balaa xiyyaaraan du’uun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Balaa xiyyaaraa magaalaa Moskoo fi St Piitersibargi gidduutti mudateen isaaniin dabaltee namootni sagal du’uun BBC n Abbaa Taayitaa Aveeyishinii Raashiyaa wabeeffachuun gabaaseera.

Abbaan Taayitaa Aveeyishinii Raashiyaa ka’umsa balichaa beekuuf qorannoo eegaluu ibsameera.

Naannawichatti dhohiinsi lama mudachuu namoonni achi turan ijaan arguu ibsaniiru jedhame.

Xiyyaarri Loltoota Mindeeffamtoota Garee Waaginar feetee imalaa turte dhoohinsichaan booda kuftee caccabuu ibsameera.

Yaa ta’uutii Xiyyaara kanarratti haleellaan raawwatameera jechuuf ragaa ga’aan hin argamne jedhameera.

Yevgenii Piriigozhiin yeroo dhumaaf Afrikaa keessa iddoo kana jedhamee hin beekkamnetti argamee turuu suuraan kan mul’isu ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.