Hoggaansi mul’ata qabu wayita jiraatu hojiin hojjetus qabatamaan mul’ata-Pir. Saahilawarqi
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Hoggaansi mul’ata qabu wayita jiraatu hojiin hojjetus qabatamaan mul’ata jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.
Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen, Naannoo Sidaamaa Aanaa Naannawaa Magaalaa Hawaasaatti Gandaa Horsisa Lukkuu Maatii Moodelaa eebbisaniiru.
Hojillee hojjetamaan irratti fedhiin yoo dabalame jijjiiramuu fi bu’aa qabeessaa ta’uun akka danda’amu ibsan.
Ministirri Ministeeraa Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen gama isaaniin, damee qonnaan akkuma kilaastaraan hojjetamu damee beeyladaatiin hojiileen hojjetamaa jiran cimaanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Naannoon Sidaamaatti hojiilee Maddii Guutuu sadarkaa duraan hojjetama jiraachuu eeraniiru.
Lukkuuwan kuma 26 ol, aannaan, bakki kanniisaa fi qurxummii itti horsisan akka jirus ibsaniiru.
Pireezidaantin Naannichaa Obbo Dastaa Leeddamoo, qonna qofaan jijjiirama fiduun waan hindanda’amneef misooma horsiisa lukkuu fi beeyladootaan hirmaannaa taasisuu qabna jedhan.
Naannichatti sagantaa Maaddii Guutuu hojiirra oolchuun gandi horsiisa lukkuu maatii moodelaa gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.
Dargaggoonni horsiisaa lukkuurratti bobba’anis dameewwan barnootaa garaagaraan kan eebbifaman ta’uun ibsameera.
Xilaahuun Yilmaa fi Jamaal Kadirootu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.