Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif tajaajilli qorannaa vaayrasii koroonaa laatamaa jira

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC)- Hirmaattota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif tajaajilli qorannaa vaayrasii koroonaa laatamaa jira.
 
Walga’iin hoji raawwachiistota Gamtaa Afrikaa sadarkaa ministiroota dhimma alaatin gaggeeffamu har’a eegalameera.
 
Hirmaattonni walga’ichaa galma walga’ii yammuu seenanitti qorannaan vaayrasii koroonaa taasifamaa jira.
 
Ityoophiyaan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee dabalatee buufataalee seensaa fi ba’umsa biyyattii 27 irratti tajaajila qorannaa vaayrasichaa laachaa jirti.
 
Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.