Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif odeeffannoon bakkeewwan daawwannaa viidiyoo fi suuradhaan qophaa’era

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Hirmaattota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif odeeffannoo bakkeewwan daawwannaa akka argataniif viidiyoo fi suuraan ba’umsa daandii Booleerratti akka tamsa’u taasisuu isaa Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Finfinneetti daayreekitarri misoomaa fi beekamtii tuuriizimii obbo Amdamaariyaam Maammoon akka ibsanitti daawwattootaf hojii kitaaba qajeelchaa fi biroosharoota qopheessanii kennuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.

Hirmaattonni yaa’ichaa odeeffannoo bakkeewwan tuuriizimii magaalaa Finfinnee akka argataniif ba’umsa balbaloota Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti viidiyoo fi suuraan akka tamsa’u taasisuu obbo Amdamaariyaam himaniiru.

Obbo Amdamaariyaam deeskiin odeeffannoo bakkeewwan tuuriizimii magaalichaa mooraa Gamtaa Afrikaa keessatti akka hundaa’u dhaabbatichaaf gaaffiin dhiyaachuus dubbataniiru.

Inistiitiyuutii Leenjii Hojii Hoteelaa fi Tuuriizimiitti barsiisaan tuuriizimii obbo Aluulaa Akliluu gama isaanitiin bulchiinsa magaalichaatti damee koonfiraasii tuuriizimiirratti kan bobba’an humni namaa hedduun muuxannoodhan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Keessummoonni koonfiraasii tuuriizimiif gara Ityoophiyaa dhufan simannaa, geejibaa fi tajaajila hoteelaa, daawwannaa fi hojiiwwan biroo qopheessuuf humna namaan kan raawwatamudha jedhan.

Ogeessonni damichaa teeknooloojii waqtichi gaafatuu fi dandeetti qabaachuu akka qaban himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.