Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattoonni yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa marii yaa’ii duraa gaggeessuu eegalan

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Hirmaattoonni yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa marii yaa’in duraa gaggeessuu eegaluu ibsame.
Adeemsa qophii yaa’ichaaf konfirensii biyyaalessaa gaggeeffameen miseensonni paartichaa bakka bu’oota yaa’icharratti hirmaatan filachuu ibsamera.
Miseensonni filataman kunneen guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jiraachuu eerameera.
Marichi hanga Bitootessa 1/2014tti kan turu yoo ta’u gabaasa yaa’ii, Inspeekshinii fi Sagantaa dambii paartichaarratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
Marichi hoggansa paartichaan milkaa’ina Ityoophiyaan galmeessitee fi hoggansa bilchaataa kennuun rakkoolee biyyaalessaa hiikuu qaban keessatti kan gaggeeffamu ta’uu hogganaan waajjira Muummee paartichaa obbo Adam Faarahi wayita maricha eegalchiisan ibsaniiru.
Filannoon biyyaalessaa 6ffaan itti gaafatamummaa fi imaanaa ummanni nutti laateef mariin yaa’ichaan gaggeeffamuu shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.
Yaa’ii kanarratti hirmaattonni kumni 1 fi 600 kan hirmattan ta’uu himameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.