Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattoonni nageenyaa fi miidhagina Irreechaaf abbummaan gahee bahuu qaba-Obbo Haayiluu Addunyaa

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Irreechi qabeenya waloo ta’uu hubatee hirmaattonni ayyaanichaa nageenyaa fi miidhagina isaatiif abbummaan gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu Hogganaan Biroo Kominikeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan dubbatan.

Haala Kabaja Irreechaa ilaalchisuun Ogeeyyii Miidiyaafi Kominikeeshiniitiif waltajii hubannoo uumu kennameera.

Waltajjicharratti, Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa maalummaa, fayidaawwan Irreechi akka naannoo fi biyyaatti qabu, haala kabaja Irreechaa bara 2016 fi qabxiiwwan biroo irratti ibsa bal’aa kennanniiru.

Irreechi duudhaa fi sirna ittiin gaggeeffami kan qabuu ta’uu ibsanii, duudhaa fi aadaa isaa beekanii irreeffachuun, kunuunsuun, beekumsaa aayyaanichaa barsiisuu fi beeksisuun barbaachisaadha jedhan.

Obbo Hayiluun,Irreechi faajjii tokkummaa, obbolummaa fi ayyaana araaraa akka ta’es kaasaniiru.

Dabalataan ayyaana garaagarummaa ilaalchaa siyaasaa, amantaa fi gosaan osoo walhin qoodiin tokkummaa fi waloomaan kabajamudhas jedhaniiru.

Ayyanni Irreechaa ayyaana uummata bal’aa waan ta’eef hunduu gaheesaa bahachuun karaa nagaan akka kabajamu qindoominaan hojjechuu kan gaafatu akka ta’e marii kana keessatti ibsameera.

Namni ayyaana Irreechaa kabajuuf bakkichatti argamu hundumtuu Ayyaanichi qabeenya waloo ta’uu hubatee nageenyaa fi miidhagina isaatiif abbummaan gahee isarraa eegamu bahuu qaba jedhaniiru.

Hooggana Itti Aanaa Biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaa Obbo Biraanuu Buxee Ayyaana Irreechaa bara kanaa bifa addaa ta’een akka kabajamuuf mariin uummataa bal’aa hirmaachise sadarkaa hundatti gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Miidiyaan tokkummaa cimsuu, hariiroo obbolummaa dagaagsuu fi walitti dhufeenya sabaaf sablammootaa gabbisuu keessatti shoora olaanaa qaba waan ta’eef cimsanii irratti hojjachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Garaagarummaa yaadaa fi ilaalchaa iddoowwan gara garaatti mul’atan mariin furuun Ayyaana kabajaa fi jaalalaan kabajachuun qaroomina akka ta’e himaniiru.

Sirna kabaja Ayyaana Irreechaa irratti osoo Abbaan Malkaa malkaa hin saaqiin dhaqanii Irreeffachuun dhorkaa ta’uu hubachuun hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu Obbo Biraanuun ibsuu ragaan Kominikeshinii Naanichaarraa argame ni mul’isa.

Irreechi bara 2016’s kallattii Gumiin Abbootii Gadaa kaa’aniin Hora Finfinneetti Fulbaana 26, Hora Arsadeetti ammoo Fulbaana 27 kabajama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.