Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattoonni leenjii marsaa 3ffaa pirojektoota garaagaraa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)-Hooggantoonni mootummaa mata duree “Idaarraa Gara Mindaatti” jedhuun giddugalootaa garaagaraatti marsaa 3ffaan leenji’aa jiran pirojektoota misoomaa hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Haaluma kanaan hooggantoota mootummaa naannolee Kibba Itiyoophiyaa, Hararii, Amaaraa, Magaalaa Finfinneetti leenji’aa jiran pirojektootaa gargaraa daawwataniiru.

Leenjitoonni Magaalaa Finfinnee giddugaloota gabaa karroota Magaalaa Finfinnetti shananitti ijaaramaa jiran keessaa tokko kan ta’e giddugala gabaa oomishaalee qonnaa Lammii Kuraa daawwataniiru.

Haaluma walfakkaatuun, hooggantoonni mootummaa Naannolee Kibbaa Itiyoophiyaa fi Harariitti leenjii fudhachaa jiran hojiilee misoomaa naannawichatti hojjetaman daawwataniiru.

Akkasumaas Giddugala leenjii Baahirdaaritti hoggantoonni leenji’aa jiranis leenjichaan cinaatti hojiilee misoomaa magaalatti daawwataniiru.

Kaayyoon daawwannichaa hoggantoonni muuxannoo waljijjiruun misooma saffisiisuu fi misooma walfakkaataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uun akeekameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.