Hirmaannaa ummataa ijaarsa Hidha Haaromsaa cimsuuf Waltajjiin marii gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – ‘Sagalee tokkoo fi ejjennoo tokkoon ijaarsa hidha haaromsaa yaa dhugoomsinu’ mata duree jedhuun waltajjiin marii Yunvarsiitii Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marii Yunvarsiitiin Aarbaa Minci Waajjira Mana Maree Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa waliin ta’uun qopheessan kanarratti Ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, Daayreektara Olaanaa Waajjira Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawwii Barihee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo Federalaa, naannoolee fi hayyoon Yunvarsiitichaa argamaniiru.
Waltajjicharratti Hidha Haaromsaa ilaalchisee ibsa gabaabaa kan taasiisan Dooktar Injiinar Silashiin dhiibbaa alaa fi keessaa kamiiyyuu dandamachuun ijaarsa hidha haaromsaa milkeessuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu qaba jedhan
Sagalee tokkoo fi ejjennoo tokkoon ijaarsa hidha haaromsaa milkeessuun barbaachisaa ta’uu hirmaattoonni himaniiru.
Waltajjicharratti qorannoowwan Hidha Haaromsaa ilaallatan dhiyaachuun mariin ni gaggeeffama jedhameera.
Xilahuun Huseenii fi Ibraahiim Baadiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.