Hirmaannaa Siyaasaa fi Fayyadamummaa dubartootaa caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Hirmaannaa Siyaasaa fi Fayyadamummaa hawaas-Dinagdee dubartootaa caalmaatti cimsuuf Paartiin Badhaadhinaa Xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii paartichaa Obbo Adam Faaraahin ibsan.
Leenjiin hooggansa kaadhimamoo Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaaf Sadarkaa Biyyaalessaatti guyyoota kudhaniif Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumurameera.
Paartiin Badhaadhinaa paartii hirmaachisummaa fi qixa fayyadamummaa sabaaf sablammootaa fi Uummattoota biyyattii mirkaneessuuf qabsaa’aa jirudha jedhan Obbo Adam Faarahiin.
Hirmaannaa Dubartoonni Hooggansa keessatti qaban cimsuu fi Dubartoota gahoomsaa deemuun kaayyoo fi mul’ata Paartiichaa ta’uu kaasaniiru.
Dubartoonni humna hooggansaa fi qabeenya dhuunfaa fi biyyaa bulchuu keessatti qaban cimsuuf, dandeettii isaanii yeroo gara yerootti gabbifataa adeemuu qabu jedhan.
Pireezidaantiin Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa Aadde Zaaraa Ahimad, Hirmaannaa dubartoonni gama hawaas-dinagdee fi Siyaasaan qaban caalmaatti cimsuun, imala badhaadhinaa fi guddinaa biyyattiin eegalte dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.