Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa hawaasni Diyaaspooraa ijaarsa biyyaa keessatti qaban caalmaatti cimsuun barbaachiisaadha – Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Hirmaannaa hawaasni Diyaaspooraa ijaarsa biyyaa keessatti qaban caalmaatti cimsuun barbaachiisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.
Leenjii Ambaasaaddaroota haaraa muudamaniif laatamaa jirurratti hariiroo Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa Imbaasiwwan waliin qabu ilaalchise ibsi laatameera.
Ijaarsa biyyaa, siyaasaa, Diinagdee fi damee Hawaasummaan hirmaanaa hawaasa diyaaspooraa caalmatti cimsuun barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.
Hirmaannaan hawaasa Diyaaspooraa ijaarsa biyyaa keessatti qabu akka cimu Ambaasaaddarootarraa hojii hedduun kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Hariiroo alaa hunda keessatti akka hirmaatan taasiisuu fi jajjabeessuu,akkasumas tajaajiloota jiran hunda qaqqabsiisuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsuu isaaniin ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.