Fana: At a Speed of Life!

“Hirmaannaa hawaasa Mana Murtichaa malee hooggansi qofaa isaa eessaayyuu gahuu hin danda’u” – obbo Gazaalii Abbaa Simal

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaaliin goolaba leenjii Ofisaroota Seeraa fi Hojjattoota Deeggarsaaf guyyoota tokkoo fi walakkaaf kennamaa ture irratti argamuun guduunfaa fi kallattii hojii kennaniiru.
Xumura leenjichaa hordofuun marii hooggansi ol’aanaan Mana Murtichaa hirmaattoota kora kanaa waliin taasisaniiru.
Caasaa JEG ilaalchisee hanqinaalee turan furuuf hojiiwwan hojjatamaa jiranii fi kanneen furmaata argatan irratti Daayrektarri Daayrektoreetii Bulchiinsa Qabeenya Namaa Mana Murtichaa obbo Mitikuu Tarfaa ibsa kennaniiru.
Itti Aanaa Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, obbo Guyyoo Waariyoo hooggansi Ol’aanaan Mana Murtichaa balbala isaa banaa gochuun komiiwwanii fi yaadota hojjatoota isaa irraa ka’an dhaggeeffatee furmaata kennuuf qophaa’ummaa akka qabu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.