Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa dubartoota guddisuuf tattaffii Itiyoophiyaan taasiftu ni deeggarra-DhMG

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Hirmaannaa hunda galeessaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa dubartoota guddisuuf carraaqqii Itiyoophiyaan taasiftu kan deeggaran ta’uu Barreessituu Itti Aantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad mirkaneessan.

Mariin ga’oomsuu fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira.

Amiinaa Mahaammad waltajjicharratti haasawa taasisaniin, hirmaannaa dubartootaa ogummaa fi hooggansa addaddaarratti guddisuuf tattaaffiiwwan Itiyoophiyaatti jalqabaman dinqisiifataniiru.

Sadarkaa hooggansa addaa addaarratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf jijjiiramni akka jiru eeraniiru.

Waliinga’iinsaa fi dhaqqabummaa barnootaa, tajaajila fayyaa, carraa hojii uumuu fi dameelee biroorratti jalqabbiiwwan gaariin akka jiran kaasaniiru.

Tattaaffiiwwan eegalaman deeggaruu fi tumsi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cimee akka ittifufu mirkaneessaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin, tattaffiii hirmaannaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa dubartootaa dameewwan ogummaa fi sadarkaa hooggansa garaagaraarratti guddisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsan.

Tattaaffiiwwan mootummaan taasisu cimee akka ittifufu mirkaneessanii, deeggarsii fi tumsi qaama hundaa barbaachisaa akka ta’e kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.