Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa ilaalchisee mariin ijaarsaalee dubartootaa waliin gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa ilaalchisee mariin ijaarsaalee dubartootaa waliin gaggeeffameera.
Maricharratti itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Mallas Alamuu argamaniiru.
Bu’aalee jijjirraman argaman hunda keessatti ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.
Gaaffiin fayyadamummaa fi haqa qabeessummaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa jijjiirramicha fiduuf sababa duraa ta’uu eeraniiru.
Jijjiirramni dubartoota hin hammanne guutuu miti kan jedhan aadde Adaanach, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf bulchiinsi magaalichaa murannoon sochii taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alam gama isaan, Badhaadhina hundagaleessa gaaffii haadholee Ityoophiyaa deebisuu fi boqonnaa laatu mirkaneessuuf ijaarsi dubartootaa beekkumsaa fi muuxxannoo biyya keessaa babal’isuu akka qaban hubachiisaniiru.
Seenaan Ijaarsa hidha haaromsaa, Proojektoota yeroo gabaabaa keessatti xumuruu fi tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuun isaa beekkamtii jijjiirramichaa caalmatti kan cimsu ta’uu hirmaattoonni dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamakeenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.