Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen naannoo Hararitti giddugala Hospitaala Feestullaa, Koolleejjii Innaay Abiidaa fi Godaambaa dhuunfaa Abdallaa Shariif daawwataniiru.

Yuunvarsiitii Haramayattis argamuun sagantaa hojii dagaagina Sammuu eegalchiisaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Ityoophiyaan hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf daandii gaariirratti argamti jedhan.

Dhaabbileen barnootaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaan dubartootaaf mijaataa fi hammataa akka ta’u xiyyffannoon hojjechuutu barbaachisa jedhan.

Preezdaant Saahilawarq daawwannaa hojii naannichatti taasiisaniin giddugala Hospitaala Feestullaa kan daawwatan yoo ta’uu, giggula dandamannaa Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immannii fi Dargaggootaan hundaa’e hojii eegalchiisaniiru.

Waaree booda daawwannaa hojii naannoo Hararii xummuruun gara Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa imaluu isaanii ragaan Kominiikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isaa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.