Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri waamame beekkamtii mana maree dhimmoota Islaamummaan ala jedhame

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – hiriirri hordooftoonni amantaa Islaamaa karaalee miidiyaa hawaasaa garagaraan guyyaa har’aa akka gaggeessaniif waamame beekkamtii mana maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ala ta’uu ibsame.

Bareessaan mana marichaa Hajii Sheeh Qaasim Taajuddiin dhimmicha ilaalchisuun ibsa laataniin, tibbana naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa magaalaa Moxaatti miidhaa qaqqabeen walqabatee hiriirri waamame beekkamtii mana marichaan ala ta’uu beeksisaniiru.

Kana waan ta’eef hawaasni Musliimaa sirna solaataa akkataa kanaan dura tureen bifa tasgabaa’een akka raawwatu hubachiisaniiru.

Hordooftoonni amantaa hunduu miidhaa akka kana balaalleeffachuun balleessa balleessadhaan bakka buusuuf qaama socho’u ittisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru jechuun Hayleyesuus Makonnintu gabaase.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.