Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri nagaa eeyyamame hin jiru – Humna Waloo Nageenyaa Naannoo Sidaamaa

Finfinnee, Gurraandhala 3,20015 (FBC) – Magaalaa Hawaasaattis ta’e naannawaa naannichaa kamittuu hiriirri nagaa mootummaan eeyyame kan hin jirre ta’uu humni waloo nageenyaa Naannoo Sidaamaa beeksise.

Humnichi haala yeroo ilaalchisuun walga’ii ariifachiisaa gaggeessuun murteewwanii fi kallattiiwwan garaagaraa dabarseera.

Nageenya lammiilee eegsisuuf kallattii mootummaan kaa’ame darbuun, sochiiwwan hin eeyyamamnee fi beekamtii hin qabne akka to’atamu qaamolee nageenyaaf kallattii kenneera.

Qaamoleen dhorkaa kaa’ame darban ofii isaanii miidhaa ga’uuf itti gaafatama kan fudhatan ta’uu marichaan ibsamuu ragaan Biiroo Nageenyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.