Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri mormii jiraattotaa Magaalaa Boongaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Jiraattoonni Naannoo Uummattoota Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa Godina Kafaa Magaalaa Boongaa dhiibbaa biyyoonni Ityoophiyaarratti taasisaan hirriira ba’uun balaaleffataniiru.

Jiraattoonni kunneen dhaadannoowwan adda addaa dhageessisaa jiru.

“Maqaa deeggarsaatiin gidduu seentummaan alaa haa dhaabbatu, hawaasnii idil addunyaa garee shororkeessaa ABUT cina dhaabbachuu hinqabu jechuun sagalee isaanii dhageessisaa jiru.

Hiriira kanarrattis kutaaleen hawaasa garaagaraa hirmaataniiru.

Itti Aanaa Pireezdaantii Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinaar Nagaash Wageeshoo erga dabarsaniin, birmaddummaa biyya keenyaa eeguuf yeroo mara boodatti hindeebinu jedhaniiru.

Biyyoonni Lixaa garee ABUT akka meeshatti fayyadamuun diinagde fi siyaasa biyya keenyaa miidhaarra busuuf yaalanis dhiibbaa fi gidduseentummaan biyyoota alaa qolachuuf tokkummaa keenyaa cimsu qabna jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun magaalota Naannoolee Sidaamaa, Afaar, Hararii, Kibbaa fi kanneen biroottis hiriirri giddu seentummaa alaa mormuu hawaasaa naannolee kanneenin gaggeeffameera.

Obsee Waaqgaarii fi Maatusaalaa Maatiwoostu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.