Hirirrii mata dure “sagaleen keenya bilisummaa keenyaaf jedhuun”gaggeeffameera
Finfinnee, Caamsaa 22, 2013 (FBC) – Hirirrii mata dure “sagaleen keenya bilisummaa keenyaaf jedhuun” har’a Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti gaggeeffame xummurameera.
Hirirrii kun dargaggoota biyyatti kan hirmaachisee yeroo tahu kaayyoon hiririchaa biyyoonni alaa gidduu seentummaa fi dhimma keessoo Itiyoophiyaarraatti dhibbaa taasisaa jiran mormuuf akka tahe himameera.
Hiriira moormii kanarratti dargaggoonni magaalaa Finfinnee hedduun irratti hirmaataniiru.
Dargaggoonni hiriricharratti hirmaatan gidduu seentummaa kana moormuudhaan wantoonni akkanaa kun lammata akka hin uumamneef tokkuummaan murteessaa akka tahe ibsaniru.
Tokkummaadhaan ofirraa ittisuu qabnas jedhaniru.
Hiriira kanarraatti itti aantuu kaantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee,preezdaantiin waldaa gootoota durii lij Daani’eel Jootee dabalatee hoggantoonni biroo argamaniru.
Liij Daani’eel Jootee Masfin dubbii dubbataniin nuti yoo tokko taane diinni nu gidduu hin seenu jedhan.
Itti aantuu Kaantibaan bulchinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee garaagarummaa keenya dhisnee tokko ta’uudhaan wal bira haa dhaabbannuu jechuun ergaa dabarsaniiru.
Murtoo torban kana Ameerikaan Ityoophiyaarratti dabarsiteef deebii laachuuf hiriirri garaagaraa gaggeeffameera.
Daagmaawwii Deeksiisaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna