Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri har’a Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame nagaan xumuramuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Hiriirri mormii gidduu seentummaa alaa fi balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT har’aa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame nagaan xumuramuun ibsameera.

Kominikeeshiniin Nannoo Oromiyaa ibsa baaseen hiriira har’aa akka biyyaa fi Naannoo Oromiyaatti geggeeffameen dhiibbaa fi giddu seentummaa biyyoota alaa akkasumas gocha badii shororkeessitoota ABUT fi ergamtoota isaa Shaneefi kanneen biroo mormuun dhaadannoo “Itoophiyaaf nan dhaabbadha; sagalee koo nan dhaggeessisa” jechuun sagalee isaanii dhaggeessisaniiru.

Kana malees hojii mootummaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf hojjechaa jiruu cinaa kan dhaabbataniifi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyya keenyaaf taasisaan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsu beeksiseera.

Ityoophiyaanonni jaalala dhugaa biyya isaaniitiif qaban fedhii ofiitiin bahanii kan itti mullisan hiriirri guddichi naannichatti gaggeeffames nagaan xumuramuu eeruun, hawaasni naannichaa, qindeesitoonni hiriirrichaa, paartileen morkattootaa, miidiyalee fi caasaaleen nageenyaa galateeffateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.