Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri gocha badii garee shororkeessaa ABUT balaaleffatu magaalota garaagaraatti gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hiriirri gocha badii garee shororkeessaa ABUT balaaleffatu magaalota Harar, Dabramaarqoos, Diillaa fi Saawulaatti gaggeeffameera.

Dubartoonni magaalaa Harar gocha garee shororkeessaan ABUT bakkeewwan weeraree turetti dubartootaa fi daa’imman irraan ga’e balaaleffataniiru.

Dubartoonni magaalichaa dhaadannoowwan “ Ani Obboleettii koof Abukaatoodha, mucaa koorra miidhaan yeroo ga’u hin callisu, hogganaan koo yeroo duulu Ityoophiyaaf ani jira” jedhan dhagessisaniiru.

Hiriira magaalota birootti gaggeeffameen dhaadannoowwan garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa cina jiraachuu isaanii ibsuu dhageessisaniiru.

Hanga xumuraattis deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Tiyyaa Nuuree, Taariknash Seetaa fi Maatiwoos Falaqaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.