Hiriirri dhiibbaa biyyoonni lixaa Afrikaarratti taasisan balaaleffatu Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame
Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Hiriirri dhiibbaa biyyoonni lixaa Afrikaarratti taasisan balaaleffatu Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti gaggeeffameera.
Hiriiricha kan qopheessan Afrikaa Kibbaatti Waldaa Tumsa Hawaasa Ityoophiyaa fi Fooramii Diyaaspooraa Afrikaa ta’uu ibsameera.
Hiriirichi Imbaasii Ameerikaa Priitooriyaatti argamu fuulduratti gaggeeffamuu fi hirmaatonni hiriirichaa imbaasichaaf xalayaa galchuu eerameera.
Bifuma walfakkaatuun waajjira Gamtaa Awurooppaa Priitooriyaatti argamu fuulduratti ba’uun sagalee isaanii kan dhageessisanii fi xalayaa kan galchan ta’uu himameera.
Hiriirichaan ergaawwan dhiibbaa biyyoonni lixaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroorratti fe’uuf taasisan balaaleffatan darbaniiru.
Hiriiricharratti Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota Afrikaa garaagaraa fi leellistoonni Paan Afrikaaniizimii argamuu ibsameera.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.