Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri deeggarsaa Magalaa Bulee Horaatti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Bulee Horatti injifannoo fi milkaa’ina waggaa 5ffaa jijjiirama as argame milkeessuu fi Bitootessa 24 Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimad aangootti dhufan sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa gaggeeffameera.

Finxaalessummaa fi hinaaffaa siyaasaa fiinxaaleyyiin dhaadhessaniif gurraa hinlaannu, dhaadannoowwan jedhan hiriiricharratti dahgeessifamaniiru.

Sirni hacuuccaa fi cunqursaa Uummata Oromootiif sabaa fi sablammootarraa guyyaa itti mulqamee ta’uun eerameera.

Bitoteessi 24 guyyaa walqixxummaan itti mirkanaa’e waan ta’eef injifannoo argame ni tikfanna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.