Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri balaaleffannaa Juuntaa yakkamaa waraanaa ABUT fi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa magaalota gurguddoo geggeeffamaa ture nagaan xumurame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Hiriirri balaaleffannaa Juuntaa yakkamaa waraanaa ABUT fi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa magaalota gurguddoo geggeeffamaa ture nagaan xumuramee jira.

Hiriirri balaaleffannaa Juuntaa yakkamaa waraanaa ABUT fi deggersa RIB keenyaaf guyyaa har’aa magaalota gurguddoo 13 Naqamtee, Sabbataa, Burraayyuu, Holataa, Sulultaa, Lagaxaafoo Lagadadhii, Bishooftuu, Moojoo, Addaamaa,Shaashamannee, Baatuu, Roobee, Akkasumas Godinaalee 13 Wallagga Bahaa, Boorana, Arsii lixaa, Baalee, Harargee Lixaa, Gujii, Shawaa Bahaa,Iluu Abbaaboor, Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Gujii Lixaa, fi Shawaa Kaabaatti geggeeffamaa ture nagaan xumuramee jira.

Xumura hiriiraa boodas qaamotni hawaasa garaa garaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf deggersa maallaqaa fi akaakuudhaan taasisaanii jiru.
Baankiiwwan dhiigaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman 10 keessatti mata duree “Dhiiga keenya Raayyaa Ittisaa Keenyaaf!” jedhuun arjoomni dhiigaa cimee itti fufee jira! Hirmaattotni hiriira har’aa dhaadannoowwan armaan gadii dhageessisanii jiru!

1. Juuntaan nikufaa Biyyi Itti fufa!
2. Juuntaan diina keenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dhiiga keenya!
3. Yakka Gantummaa Biyyaa Juntaa ABUTn Raawwatame ni Balaaleffanna!
4. Wayyaanee fi Shaneen Gantoota biyyaa fi diina Ummataati!
5.Tarkaanfii Olaantummaa Seeraa Kabachiisuu Mootummaan Fudhachuu Eegale ni Tumsina!
6. Gaachana Birmadummaa Keenya Raayyaa Ittisa Biyyaa Waan Hundaan ni Tumsina!
7. Tokkummaa Ummattootaa Eeguun Shira Diigumsaa ABUT fi Shanee ni Saaxilla!
8.Jijjiiramni wareegama qaalii ilmaan keenyatiin dhufe shira gantuu fi baandatiin duubatti hin deebi’u!

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.