Hiriirri balaaleffannaa gareewwan shorokeessitootaa fi deeggarsa duula birmadummaa magaalaa Duukamii fi Sulultaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Duukamii fi Sulultaatti hiriirri deeggarsa duula birmadummaa fi balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi shanee dhaadannoowwan garaagaraan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Hiriirri kun dhaadannoowwan balaaleffannaa gareewwan shororkeessaa fi deeggarsa duula birmadummaa ibsan dhageessisuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Hiriirtoonni kunnee Wayyaaneen Diina Itoophiyaanota Hundaati!,
Wayyaanee Dhabamsiisuun Wabii Hiree Ummata Itoophiyaa Mirkaneessuudha!, Hin Irraanfadhu; Wayyaaneen Diina Qeerroofi Qarree Oromooti!, Nan Duula; Birmadummaa Itoophiyaa Nan Kabachiisa!, Awwaala Gantootaarratti Badhaadhina Itoophiyaa ni Mirkaneessina!, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Humna Nageenyaa Keenya Deeggaruuf Wanti Qusannu hin Jiru!,Aggaammii Diinota Keessaafi Alaa Tokkummaan ni Qolanna!,
Gaachanni Sirnaa Wabii Birmadummaa Biyyaati!, Gochoota Gara-jabinaa Wayyaaneefi Shanee ni Balaaleffanna!, Maqaa Gargaarsa Namoomaatiin Birmadummaa Biyyaa Dabarsinee hin Kenninu!,Harka Tokkoon Hojii Misoomaaf, Harka Kaaniin Diina Dhabamsiisuuf Nan Hojjedha!, Lukkuu Hanga Lubbuutti Raayyaa Ittisaa ni Deeggarra!, Osoo Ani Jiruu Wayyaaneen Lamuu Gateettii Ummataatti Ol hin Deebitu! dhaadannoowwan jedhu dhageessisaa jiraachuu himameera.
Dabalee Gaarradoo fi Sisaay Geetinnatitu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.