Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri balaaleffannaa garee Shororkeessaa ABO Shanee Godina Booranaa aanaa Dirreetti gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Dirreetti hiriirri Balaaleffanaa ABO Shanee fi deeggarsa Rayyaa Ittisa Biyyaa gaggeeffame.
Shaneen diina Uummataa Oromoo kan ta’e ABUT waliin waliin hariiroo uumuun bilisummaa Oromoo boodaatti kan deebisu ta’uu isaan garee lamaanuu ni barbadeessina jedhan.
Bulchaan Aanaa Dirree obbo Galgaloo Baggajjoo Uummata Aanaa Dirree fi Magaalaa Meeggaa ABO Shanee fi miiltoo isaanii balleessuuf kutannoo agarsiisaniif galateeffataniiru.
Itti Gaafatamaan Siyaasaa Waajjira Paartii Godina Booranaa obbo Abdii Eedina garee ABUT dhaaba biyya ganee, biyya kana diiguuf muratee ta’uusaa hubattanii dur dhaabbachuu keessaniif galataa qabdu jedhan.
Gara Fuula duraas garee kana dhabamsiisuuf ga’ee isaanii ba’uu akka qaban dhaamuu OBN gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.