Hiriirichi Ityoophiyaanonni dhiibbaa kamiifuu kan hin jilbeeffanne ta’uu itti argisiisanidha- Dooktar Laggasaa Tulluu
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Hiriirri nagaa kutaawwan biyyattii garaagaraa keessatti gaggeeffame Ityoophiyaanonni dhiibbaa Idil Addunyaa kamiifuu kan hin jilbeeffanne ta’uusaanii kan itti agarsiisan ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.
Hiriirri tibbana kutaawwan biyyattii garaagaraa keessatti gaggeeffame gocha badii gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shanee akkasumas gabaasa burjaajjii miidiyaalee Idil Addunyaa kan balaaleffate ta’uu eeraniiru.
Gareen weerara ABUT waraana idileetiin ala keessumaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti bakkeewwan hedduu weeraruun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa, qabeenya mootummaa fi uummataa saamuun akkasumas barbadeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Gocha badii kana qolachuun kan danda’amu sochii qindaa’aa uummataan ta’uu isaatiin waamicha waloo mootummaan federaalaa fi naannolee taasisaniin uummanni deebii gaarii kennuu ibsaniiru.
Hiriirri balaaleffannaa gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shanee akkasumas gabaasa burjaajjii miidiyaalee Idil Addunyaa tibbana fiixee hanga fiixee biyyattiitti taasifames bu’aa waamicha kanaa ta’uu kaasaniiru.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.