Fana: At a Speed of Life!

Hiriira ummataa har’a gaggeeffame miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Hiriira ummataa mata duree “Ityoophiyaaf nan dhaabbadha; sagalee koo nan dhageessisa” jedhuun naannolee biyyatti garaagaraatti guyyaa har’aa gaggeeffame miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.

“Daily Mail” gabaasaa baaseen magaalota Ityoophiyaa garaagaraatti lammiileen kumaatamatti lakkaa’aman addabaabaayiitti ba’uun giddu seentummaa alaa mormuun hiriira ba’aniiru.

Hiriirtonni Ameerikaan birmadummaa Ityoophiyaa akka kabajju sagalee isaanii dhageessisuu fi kufaatii hawaasummaa gareen shororkeessaa ABUT Tigiraay keessatti uumeef akka itti gaafatamu ergaawwan dabarsuu gabaaseera.

Hiriirichi torban dhufu Afrikaa Kibbaatti mariin nageenyaa gaggeeffamuu eegaluu dursee kan gaggeeffame ta’uu kaaseera.

“Africa News” ammo akka gabaasetti, gidduu seentummaa alaa mormuun Ityoophiyaa magaalota garaagaraatti hiriirri gaggeeffamuu ibseera.

Hiriirtonni tarkaanfii mootummaa federaalaa akka deeggaranii fi gidduu seentummaa alaa akka morman ibsuu kaaseera.

Hirmaattonni hiriirichaa, deeggarsa Ameerikaan ABUT’f taasiftu akka dhaabdu kan eeraan ergaawwan qabachuun mormii isaanii ibsaa akka turan gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun, ‘Biluumbargi’ gabaasa qabatee ba’een lammiilee hedduun giddu seentummaa Ameerikaa mormuudhaan hiriira ba’uu eereera.

Finfinnee fi naannolee garaagaraatti hiriirri gaggeeffame kun hoggantoonni ABUT walitti bu’iinsaa Ityoophiyaatti mudateef itti gaafatamoodha ergaa jedhu dabarsuu gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.