Hinditti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuun isaanii darbe kuma 400 caale
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Hinditti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuun isaanii darbe kuma 400 caaleera.
Biyyattitti lakkoofsii namoota vayraasii koroonaatin lubbuun isaanii darbu guyyaadhaa gara guyyaatti dabala kan jiru yoo ta’u, guyyoota 39 darban keessaatti lubbuun namoota kuma 100 darbu ibsameera.
Kanneen du’an keessaa walakkaan baatiiwwan muraasaa keessaatti weerara vaayrasii koroonaa lammaffaan lubbuun isaanii darbeera jedhame.
Hindi erga weerarichi muul’atee booda namoonni miiliyoonni 30.4 irratti vayrasiichi yoo argamuu, Ameerikaatti ammoo miiliyoonni 33 ol vaayrasichaan qabamaniiru.
Maddi:-Aljaziira
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.