Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 46 ol vaayrasii koroonaan qabaman
Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 46 fi 786 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
Kunis erga weerarri vaayrasii koroonaa addunyaa muudatee aduu tokkotti lakkoofsa olaanaa ta’uu himameera.
Biyyattiitti sa’aa 24 darbe keessatti lubbuun namoota kuma 2 fi 624 darbeera.
Magaalaa guddittii biyyattii New deelhiitti garaagarummaa daqiiqaa 4tiin lubbuun nama 1 darbaa jira jedhame.
Lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii daraan dabaluu isaan hanqinni meeshaalee hargansuu muudachaa jiraachuu ibsameera.
Indiyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 16 fi kuma dhibba 6 ol dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 89 fi 544 darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiiseera.
Hinditti guyyoota sadan darbaniif guyyaan namoonni kumni dhibbi 3 ol vaayrasichaan qabamaa jiraachuu Ministeerichi ifoomseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.