Fana: At a Speed of Life!

Hinditti dhibeen Vaayirasii ‘Niippaahii’ jedhamu mudachuu hordofee manneen barnootaa cufaman

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Hindi Kutaa bulchiinsa Keeraalaatti dhibeen Vaayirasii ‘Niippaahii’ jedhamu namoota 2 ajjeessuu hordofee manneen barnootaa akka cufaman ajajni darbuu ibsameera.

Vaayirasiin talaallii hin qabne Niippaahii Vaayirasiin hoo’ina qaamaa olaanaa fi infeekshinii qaama hargansuu uumuun dhiitoo buqqee mataa hordofsiisuun hanga du’aatti miidhaa qaqqabsiisa jedhame.

Tatamsa’ina dhibichaa hir’isuuf Hindi sochii hawaasaa daangessuu fi manneen barnootaa akka cufaman murteessuu TRTn gabaaseera.

Dhibichi % 40- 75 du’a qaqqabsiisuu akka danda’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ifoomseera.

Hinditti namoota lamaan du’aniin ala qorannoo taasiifameen namoota 3 irratti dhibichi mul’achuu eerameera.

Ogeeyyii yaalaa 153 dabalatee jiraattoota namoota du’an lamaan waliin tuttuqaa qaban 700f hordoffii cimaan taasiifamaa jiraachuu eerameera.

Vaayirasii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sodaa fayyaa guddaa ta’uu danda’a jedhee adda baasee keessaa tokko kan ta’e vaayirasiin Niippahi bara Faranjoota 1998 Maaleezyaatti mudachuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.