Fana: At a Speed of Life!

Hinditti balaa Baaburaa qaqqabeen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) –Hinditti balaa Baaburaa qaqqabeen lubbuun namoota 15 darbe.

Kibba Dhiha biyyattiitti balaa Baabura fe’iinsarra qaqqabeen lubbuun namoota 15 batalumatti yoo darbu, namoota lamarra miidhaan qaqqabeera.

Namoonni miidhaman kunneen baqattoota naannoo Jaaliyaatti warshaa sibiilaa keessa hojjetan ta’uu ibsameera.

Hindi sababa weerara vaayrasii koroonaan sosochii daangessitus, baqattoonni miiliyoonaan lakkaawwaman fedhii bu’uraa guutachuuf jecha seera biyyattii cabsuun sosocho’aa jiru jedhame.

Maddi:-CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.