Fana: At a Speed of Life!

Hindiitti sirna amantaarratti lubbuun namoota 121 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)- Kaaba Hindiitti balaa sirna amantaarratti baay’inaa namootaarraan waldhiibuu uumameen namoonni lubbuun darbuun 121 qaqqabuun gabaafame.

Balichii Hindii Bulchiinsa Utaar paaraadeesh naannawaa Hataaraas jedhamutti hordoftoonni amntii Hinduu sirnaa amantaa gaggeessaa jiranirratti ta’uun ibsameera.

Kanneen lubbuun darban keessaa dubartoonnii fi daa’immaan hedduun kan argaman ta’uun ibsameera.

Sabanii balichaa maala akka ta’e hanag ammaatti beekamuu baatus poolisiin bulchiinsaa Paaraadeesh dhimmicharratti ibsaa akka kennuu eegama jedhameera.

Sirnaa amantichaarratti akka hirmaataniif namoota kuma 80’f eeyyamni kennamus baay’inni namootaa kuma 250 akka ta’u poolisiin eereera.

Kanaan dura bara 2018 geejjibni baaburaan balaa namoota ayyaana Hinduu kabaja turanirra ga’een namoonni 60 ta’an lubbuun darbuu BBC’n gabaaseera.

Bara 2013 balaa ayyaana Hinduu bulchiinsa Madiyaa Piraadeeshitti uumameen lubbuun namoota 115 darbuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.