Fana: At a Speed of Life!

Hindiitti sababa hoo’ina qilleensaan namoonni 50 ol du’uun gabaafame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC)-Hindiitti hoo’ina qilleensaa kutaalee biyyattiitti babal’achaa jiruun guyyoota sadan darban namoonni 50 ol du’uun gabaafame.

Bulchiinsa Kaabaa biyyattiitti Utaar Piraaseesh keessatti namoonni 30 ta’an yoo du’an, naannawaa Odishaa jedhamuttis namoonni 20 ta’an sababa ho’atiin du’uun isaanii eerameera.

Barana, haalli ho’a qilleensaa olaanaan haaraan kan galmaa’e ta’uu himameera.

Ministeerri fayyaa federaalaa Biyyattii akka beeksisetti, Guraandhala 1 hanga Caamsaa 30tti yoo xiqqaate namoonni 56 sababii ho’aan du’uusaanii mirkaneessuu BBC’n gabaaseera.

Yeroo sanatti namoonni kuma 24 fi 849 dhiibbaa dhiigaa saba ho’an mudatuuf saaxilamuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.