Fana: At a Speed of Life!

Hindi deeggarsa namoomaa marsaa 2ffaa gara Gaazaatti ergite

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC) – Hindi deeggarsa namoomaa lubbuu lammiilee nagaa baraaruu danda’u Toonii 32 gara Gaazaatti erguu beeksifte.

Deeggarsi namoomaa marsaa 2ffaa kun qorichaalee fi meeshaalee Ittisa balaa kan of keessatti hammate yoo ta’uu, deeggarsichis Waldaa Addeessaa Diimaa Ijipti qaqqabuu ibsameera.

Niiwu Deelhiin deeggarsa namoomaa lammiilee Filisxeemiif dhiyyeessuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Hindii Suraahimaaniyaa Jaayishaankaar ibsaniiru.

Waraanni Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru lubbuu lammiilee nagaa galaafachaa jiru kan isaan yaaddessu ta’uu Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin ibsuu RTn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.