Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoota Gaambeellaatti lammiilee nagaa ajjeesuun himataman 15 irratti ragaa dhaggeeffachuuf beellamame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) –Ajjeechaa lammiilee nagaarratti haala suukaneessaan naannoo Gaambeellaatti raawwatameen walqabatee komishinaroota poolisii fi ajajoota humna addaa naannichaa duraanii dabalatee himatamtoota 15 irratti ragaa dhaggeeffachuuf beellamameera.

Manni murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Lidaataa Yakkaa Farra Shororkeessummaa fi Dhimma Heera Mootummaa ragaa dhaggeeffachuuf beellama laatera.

Himatamtoonni yakkicha hin raawwanne jechuun mormuu isaanii hordofee Abbaan alangaa ragaaleen yakkicha raawwachuu isaanii mirkaneessu akka dhaaggeeffatamu gaafateera.

Manni murtichaa ragaalee Abbaa Alangaa dhaggeeffachuuf Adoolessa 24 -28, 2015tti beellama jijjiirraa laateera.

Himatamtoonni kunneen Magaalaa Gaambeellaatti Waxabajjii 7, 2014 gareen Shanee fi Paartiin Bilisummaa Gaambeellaa waliin ta’uun Mooraa poolisii federaalaa fi humnoota addaa naannichaa fi humnoota nageenyaa biroo magaalaa Gaambeellaarratti karaa Ganda 03 dhukaasa banuun haleellaa raawwachuu hordofee, humni nageenyaa kun garichi gara dhufetti akka deebi’u erga taasiisee booda isintu odeeffannoo laate jechuun namoota nagaarratti ajjeechaan suukaneessaan akka raawwatamu ajaja kunnuu fi ajjeechicharratti hirmaachuun shakkamanii himanni irratti banamuun kan yaadatamuudha.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.