Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoonni Qasiis Balaay fa’aan mana amala sirreessaa akka bu’an ajajame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Sanada Sobaan Herrega Gamtaa Afrikaarraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 baasuuf yaalii taasisuun kannneen himataman Qasiis Balaay fa’aan Mana Amala Sirreessaa ta’uun dhimma isaanii akka hordofan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ajaja kenne.

Mana Murtichaa ramaddii lidataa dhaddacha dhimmoota yakkaa malaammaltummaa 3ffaa har’a gaggeeffameen himatamtoota 1ffaa Qasiis Balaay Mokonnin, 2ffaa Iyyaasuu Indaalee Waldamasqal, 3ffaa Barakat Mulaatuu Jaafaar, 4ffaa Alamganaa Saamu’eel Dhinsaa fi 5ffaa Abarraa Margaa Tasfaayee ta’uun eerameera.

Himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa dhaddachaarratti n dhiyaatan yoo ta’uu himatamantoonni 4ffaa fi 5ffaa hin dhiyaannee jedhameera.

Himatamtoonni gochaa yakkaa himannaarratti dhiyaate raawwachuu fi rawwachuu dhabuu gaaffii mirkaneessuu mana murtiin gaafatamanis, yakkicha akka hinraawwanne jecha isaanii kennanniiru.

Abbaan alangaas raga baatonni akka dhaggeeffatamaniif gaaffii dhiyeesseen manni murtichaa jecha raga baatotaa dhaggeeffachuuf Waxabajjii 26 fi 27, 2016 beellama biroo kenneera.

Himatamtootaa 4ffaa fi 5ffaa ilaalchisee Poolisiin bakka jireenyaa himatamaa 4ffaa rakkoon nageenyaa akka jiru, himatamaa 5ffaa ammoo teessoon isaanii kan hinargamne ta’uu ibsuun yeroon dabalataa akka kennamuuf barreeffamaan gaafateera.

Manni murtiis nannawaa jireenya himatamaa 4ffaa rakkoon nageenyaa jiraachuu ragaa akka dhiyeessuu, himatamaa 5ffaan jiraataa aanichaa ta’uu yookaan akka hintaane aanicharraa ragaa mirkanaa akka dhiyeessu ajaja kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.