Fana: At a Speed of Life!

Himatamaan dhagaadhaan lubbuu dabarse hidhaa cimaan akka adabamnu itti murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)-Himatamaan dhagaadhaan rukutuun lubbuu namaa dabarse hidhaa cimaan akka adabamu itti murtaa’e.

Himatamaan Abbichuu Tokkichaawu jedhamu Bitootessa 29, 2015 Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaa Aanaa 05’tti galgala keessaaa naannawaa sa’aatii 2:00tti, sababa hinbeekamneen miidhamaa Sintaahuu Shameeboo bakka ciisetti dhagaadhaan rurrukutuun lubbuun isaa akka darbuu taasisuun eerameera.

Haaluma kanaan Manni Murti Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Yakka Ajjacheechaa fi Saamicha Olaanaa 1ffaan, himatamaan yakka ajjeechaa raawwateen hidhaa cimaa waggaa 9’n akka adabamu murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.