Himanni Galmeewwan M/J kinfee Daanyawuu fi Abdii Mahaammad Umar (Abdii Iille) addaan cite
Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)-Himanni Galmeewwan Meejar Jeneraal Kinfee Daanyawuu fi Abdii Mahaammad Umar (Abdii Iille) irratti dhiyaatanii turan akka addaan citu murtaa’uu Ministeerri Haqaa beeksise.
Himaatamtonni galmee Meejar Jeneraal Kinfee Daanyawuu jalatti himatamanii turan yakka malaammaltummaan Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti falmiin gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
Gama biraatiin galmee himannaa Abdii Mahaammad Umariin Dhaddacha Dhimma Heera Mootummaa fi Yakka Shororkeessummaatti falmiirra turuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan faayidaa waaraa ummataaf jecha adeemsi himannaa kunneen akka addaan citu murtaa’uu Ministeerri Haqaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia