Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa sa’aatii Giigaa Waattii kuma 2 fi 700 maddisiisuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC)- Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa baatiiwwan 10’n darban humna elektirikii sa’aatii Giigaa Waattii kuma 2 fi 700 maddisiisuun ibsame.

Hidhichi tarbaayinoota lamaan humna maddisiisaa kan jiru yoo ta’u bara 2016 baatiiwwan kurnan darbanitti karooraa ol humna elektirikaa maddisiisuun ibsameera.

Damichatti Hoji Gaggeessituun Biiroo Karooraa Aadde Xuruwarqi Shifarraa akka ibsanitti, hidhichi baatiiwwan 10’tti humna elektirikii Giigaa Waattii kuma 2 fi 158.8 maddisisuuf karoorfamee Giiggaa Waattii kuma 2 fi 711 maddisisuun akka danda’ame ibsan.

Kunis raawwii karoorichaa %26 caalmaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Tarbaayinoonni lameen humna guutuun humna akka maddisiisan taasifamuun raawwichaaf gumaachuu dubbatan.

Humna elektirikii sa’aatii Giigaa Waattii kuma 16 fi 900 maddisiifame keessaa Hidha Haaromsaa %16 gumaachuu himaniiru.

Yuunitoonni 11’n hafan wayita dhaabaman dandeetti humna maddisisuu biyyaatti %83’tti guddisaan kan eegamu ta’uus ibsaniiru.

Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa guutummaatti wayita xumuramu Meeggaa Waattii kuma 5 fi 150 kan maddisisu yoo ta’u, annisaa humnaa waaggaattii maddisifamu sa’aatti Giigaa Waatti kuma 15 fi 760 akka ta’u himuu ragaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.