Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin baga gammaddan- Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin Paartiin Badhaadhinaa baga gammaddan jedhe.
 
Hidhichi bishaan qabachuun, Ityoophiyaan addunyaarratti guyyaa miidhagdee itti muul’atte jedheera paartichi ibsa baasen.
 
Ijaarsa hidhichaarratti ga’een hoggansaa biyyaa, siyaasaa fi dhaabbilee siiviikii, barnootaa fi dhaabbilee amantaa, waliigalaan kan lammiilee Ityoophiyaa olaanaa tures jedheera.
 
Hojjettoonni gammoojjii Gubaa keessatti Hidha Haaromsaarratti hojjechaa jiran xiiqii guddaadhan ga’ee isaanii ba’achuu fi ba’achaa jiraachuu ibseera.
 
Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaan qabachuun isaa akka biyyaatti akka boonnu nu taasiseera jedheera.
 
Paartiin Badhaadhinaa proojaktoota jalqabuu qofa osoo hin taane, xumuree agarsiisuun fakkeenya gaarii ta’aa jiraachuu beeksiseera.
 
Ijaarsi hidhichaa fayyadamuu waloo biyyoota ollaa fi biyyoota yaa’a gadaanuu kan mirkaneessu malee, miidhaa takkaa akka hin qabaatin eerera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.