Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa lolaa bishaanii hambisuun iddoo qonnaa dabalataa kan argamsiisu ta’uu qonnaan bultoonni Sudaan beeksisan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa lolaa bishaanii uumamaa ture hambisuun iddoo qonnaa dabalataa kan argamsiisuf ta’uu qonnaan bultoonni Sudaan beeksisan.
 
Qonnaan bultoonni Sudaan Aljaziiraatti akka himanitti hidhichi naannoo hidha Gibts Greet Daamitti yaa’a bishaanii sirrataa uumuun iddoo qonnaa dabalataa kan argamsiisuf ta’uu beeksisaniiru.
 
Greet Daam daangaa kaaba Sudaanitti argama.
 
Ijaaramuun Hidha Haaromsaa lolaa bishaanii uumamaa ture oomisha isaanitirraa kan hir’isu ta’uu beeksisaniiru.
 
Kanaan dura si’a lama qofa oomishaa kan turan yoo ta’u, kana booda yaa’ichi yammuu sirratutti si’a sadi oomishuutti kan cee’an ta’uu beeksisaniiru.
 
Ministirri Bishaanii fi Jallisii Sudaan Yaasir Abbaas gama isaanitiin, Hidhi Haaromsaa baatii kana bishaan guuttachuu yoo eegale Sudaan fayyadamaa kan taatu ta’uu eeraniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.