Fana: At a Speed of Life!

Hidhi haaromsaa guddichi proojaktii guddaa uummata Sudaanin fayyadamaa taasisuudha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 17, 2013 (FBC)- Hidhi haaromsaa guddichi proojaktii guddaa uummata Sudaanin fayyadamaa taasisuudha jechuun hooggana jila miseensota abbootii qabeenyaa Sudaan Taagilaadiin Abdullaajasim dubbataniiru.

Jilli miseensoota abbootii qabeenyaa Sudaan Fulbaana 12, 2013 irraa eegalee Ityoophiyaatti daawwanna taasisa jira.

Hidhi haaromsaa guddichi hariiroo lameenii caalmaatti akka cimsuu ibsaniiru.

Taagilaadiin Abdullaajasim, biyyoonni lameen tumsa daldalaa fi invastimaantirratti qaban sadarkaa ammaa irra jiruurra ol giddachuu qaba jedhaniiru.

Raawwiin Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa %75 ol irraa kan ga’ee yoo ta’u, ijaarsichi bara 2015 ni xumuramaa jedhameet eegamaa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.