Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf pirojektii gahee olaanaa qabudha-Inj. Ashabbir Baalchaa

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf gahee olaanaa kan qabu pirojektii seenaa jijjiiruudha jechuun Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa ibsan.

Iniinar Ashabbir akka jedhanitti, Hidhi Haaromsaa mirkaneessaa birmadummaa diinagdee Itiyoophiyaanotaa fi mallattoo tokkummaati.

Tarbaayinoonni afran hidhichaa humna maddisiisuurratti kan argaman ta’uu ibsanii, tarbaayinoonni 13’n hidhichaa hojii wayita eegalan humna meeggaa waattii kuma 5 fi 150 maddisuusuu akka eegalan ibsaniiru.

Kunis Itiyoophiyaan waggoottan 70’n darbaan humna waliigalaan maddisiiste dachaan kan guddisu, boqonna seenaa jijjiiru ta’uu eeraniiru.

Hidhi haaromsaa birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabu pirojektii seenaa jijjiiru ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.