Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsa Guddichaa Ashaaraa Dhaloota Haaraa Faajjii sabboonummaa Afrikaati – WPQHUNO

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Guyyaa yaadannoo waggaa 13ffaa dhakaa bu’uraa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa sababeeffachuun Waajjirri Piroojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Naannoo Oromiyaa ibsa kenneera.

Hidhi Haaromsa Guddichaa Ashaaraa Dhaloota Haaraa Faajjii sabboonummaa Afrikaa ta’uu himeera.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabduun misoomuuf fedhii guutuu qabaattullee hiyyummaafi dhiibbaa alaa ture irraa kan ka’e hawwiirra dabartee baroota dheeraaf mirga misoomuuf qabdu gonfachuu hin dandeenye jedha ibsi Waajjirri miidiyaaleef erge.

Guutuun Ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.

Qabeenya uumamaa biyyi keenya misoomaaf osoo hin oolfatiin turte keessaa tokko qabeenya bishaanii yoo ta’u laga guddicha Abbayyaa faayidaa biyyaaf oolchuun ammoo hawwii uummata Itoophiyaa bara dheeraa ture.

Waggoota hedduuf hawwii qofaa kan ture dhimmi Laga Abbayyaa misooma biyyaaf olchuu Bitootessa 24 bara 2003 dhakaa bu’uraa kaa’ameen abjuun barootaaf ture gara hojiitti jijjiiramuun seenaa haaraan jalqabame.

Xiiqii mootummaafi dhaloota haaraa keessatti uumameen waggaa 13 har’aa kan jalqabame ijaarsa Pirojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa milkeessuuf lammiileen biyya keenyaa biyya keessaafi ala jiraatan humna, beekumsaafi qabeenya isaanii waakkii tokko malee gummaachaniiru.

Haata’u malee, ijaarsi pirojektichaa dhiibbaa keessaafi alaan itti uumameen si’aayina barbaadameen deemuu hin dandeenye. Yeroo ijaarsi pirojektichaa jalqabame waggoota shan keessatti xumuruuf kan yaadamee ta’us hannaafi saamicha tooftaalee garaa garaa itti aggaamameen harkifatee sadarkaa du’aarra gahuun abdii biyyaafi lammiilee laamshessee ture.

Muummichi Minsteera Dr Abiyyi Ahmad guyyaa injifannoo Bitootessa 24 bara 2010 ijaarsa pirojektii Guddichaa kanaa bifa haaraan itti fufsiisuuf waadaa galaniin; humna jijjiiramaa isaan waliin jiru wajjin ta’uun ijaarsi Pirojektichaa xiyyeeffannoon hooggananii hannaafi saamicha irratti geggeeffamaa dhabamsiisuun humna haaraafi hojimaata fooyya’aadhaan akka itti fufu taasisuu isaaniitiin har’a sadarkaa mul’ataafi abdii badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuurra gahuu danda’eera.

Uummanni Naannoo keenyaa gahee guddaa Oromiyaan akka biyyaatti qaburraa ka’uun mootummaa jijjiiramaa cinaa dhaabbatee rakkoolee pirojekticha muudatan qolachuun; ijaarsa pirojektichaa sadarkaa addaan cituurra gahee ture lubbuu akka horatu taasisuun hojii hojjetame milkeessuu keessatti humna, beekumsaafi qabeenya isaatiin gumaacha guddaa taasiseera. Kanaanis, pirojektiin Guddichi injifannoo Adwaa 2ffaa ta’e kun yeroo ammaa gara xumuraatti dhihaachuu danda’eera.

Uummanni Oromoofi Naannoon Oromiyaa hirmaannaa humna, beekumsaafi hooggansa kennuun gumaacha taasiseen alatti laggeewwan gurguddoon Oromiyaa irraa Abbayyaatti yaa’an Hidha Haaromsaa Guddichi dalaliin akka hin guutameefi pirojektichi umurii dheeraa akka qabaatu hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa Abbayyaafi ashaaraa magariisaa irratti bal’inaan hirmaatee hojii ajaa’ibaa hojjeteera.

Pirojektiin kun akka gufatuuf humnoonni keessaafi alaan qindaa’uun karaa isaanii danda’ame hundaan ijibbaataniru. Haata’u malee, mootummaan keenyaafi lammileen biyya keenyaa biyya keessaafi ala jiraatan qoodi gumaachan walitti ida’amee injifannoo hanga ammaatti gama kanaan gonfanneef bu’uura guddaa kaa’eera. Tokkummaafi waldhagahuun hojii ijaarsa Hidha Haromsaa irratti mul’ate hojii ijaarsa biyyaafi misooma keenya kanneen birootiifis fakkeenya guddaa kan dabarsedha.

Muuxannoon raawwii ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa keessatti ogummaawwan garagaraa, hojii hooggansa pirojektiifi hirmaannaa uummataa qindeessuu irratti argame hojii walfakkaataa fuulduratti akka biyyaafi naannootti geggeeffamuuf dhagaa bu’uuraa ta’eera.

Milkaa’ina hanga ammaatti arganneef uummata Oromoofi uummattota naannoo keenya keessa jiraataniif galata guddaa dhiheessaa; ijaarsa pirojektii waloo amma dhibbentaa 95 ol irra gahee jiru kana Gumaata Xiiqii tokkummaa keenya kan kaleessaa caalaatti gaafatuun akka xumurru waamicha dabarsa.

Aadde Qonjiit Baqqalaa

Hooggantuu Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa

Bitootessa 23/2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.