Hidhi Haaromsaa calaqqee injifannoo Ityoophiyaati -Pir. Saahilawarqi Zawudee
Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Ijaarsi Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa sadarkaa kanarra ga’un biyyoota yaa’aa Abbayyaa waliin caalmaatti walta’uu fi ulaa dippilomaasii akka banu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen ibsan.
Sagantaan guutiinsa bishaan marsaa 3ffaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa labsuu gaggeeffameera.
Saganticharratti Hidhi Haaromsaa anniisaa maddisuurra darbee calaqqee injifannoo Ityoophiyaa ta’uu Pireezidaanti Saahilawarqi dubbataniiru.
Ityoophiyaanonni, yoo waltaanee hojjenne milkeessuu akka dandeenyuu kan argisiisu ta’uu eeraniiru.
Akkasumas akka dandeenyu kan argisiisuudha jedhan.
“Abbaay irratti hidha hojjechuuf yaadamuu ni beekna; mul’ata qabatanii nuti yoo hindandeenye dhaloonni ni hojjeta dureen jedhanis jiru” jedhan Pireezidaanti Saahiawarqi.
Har’a hojii addaan cite ture itti fufsiisuun yeroo dhumaaf Ityoophiyaa duubatti hafummaa fi kadhaa keessaa baasuu qabna jedhanii hojichi akka xumuramu kan taasisan, tarbaayiniin lama anniisaa akka maddisisuu fi guutiinsa bishaanii marsaa 3ffaa akka xumuramuu duree taasisanis argineerra jedhan.
Kanaan mul’ati keenya dhugoomeera; amma misoomaarratti fuulleffachuun, deeggarsi hidhichaaf taasifamus cimee akka itti fufu dhaamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.