Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoota duraanii jireenya idileetti deebisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu deeggarsa akka taasisan gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Adeemsi hidhattoota duraanii jireenya idileetti deebisuu bu’aa qabeessa akka ta’uuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Koomiishiniin Haaromsa Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.

Koomishinarri Olaanaa Koomishinichaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan hojiin hidhattoota duraanii deebisanii dhaabuu hojiilee bal’aa kan gaafatudha jedhan.

Haaluma kanaan koomiishinichi galteewwan fi hojii humna namaa gurmeessuu, hidhattoota gara haaromsaa seenaan adda baasuu fi naannolee waliin hojichaarratti waltajjiiwwan waliigaltee uumuu gaggeeffamuu ibsaniiru.

Yeroo ammaas hidhatoonni duraanii kuma 371 jiraachuu eeranii, gara hojii deebisanii dhaabuutti seenuun duras hojiin irraa deebiin adda baasuu kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Ambaasaddar Tashoomaan dabalanii akka jedhanitti, hidhattoota duraanii gara jireenya idileetti akka deebi’an taasisuun invastimantii olaanaa gaafata.

Mootummaan haaromsa biyyaalessaaf dursee baajata hedduu baasii taasisaa jiraachuu ibsanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatus tumsa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Hidhattoota duraanii hawaasatti makamuu fi hojiin deebisanii dhaabuu misoomaa fi nageenyaa waaraa biyyattii mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.